Bahar kombe

Bahar kombe Islaama is peace

13/07/2025
10/09/2024

Namni Rasuula Rabbii Jaalatu Hundi Salawaata Haa Buusu
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Faaydaa Rasuula Rabbii Irratti Salawaata Buusuun Qabdu

Ergamaan Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Yeroo faaydaa salwaata busuun qabdu dubbatan akkana ja’an….

Namni Salawaata Tokko Narratti Buuse

• Rahmata Kudhan Isarratti Buusa
• Cubbuu Kudhan Irraa Haqa
• Sadarkaa Kudhan Isa Ol Fuudha

• Yaa Obboleeyyan Kiyya Rasuula Buusuun jaalala Rasuulaa arkatan, isatti Dhihaatan, shafa’aa Isaa Argatan, Jannata Keessatti isa wajjiin qanani’an. Kanaafuu Yeroo Hunda Rasuula Keenyarratti Salawaata buusuu haa baayyisnu.

Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam

Rabbiin Warra Faaydaa Salawaanni Qabu Arkate Irraa Nu Haa Taasisu.

Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.

26/06/2024

1. Wuduu waliin gahata.

Innis akka Rabbiin jecha Isaa kana keessatti ajajetti wuduu'achuudhaani: "Yaa warra amantan! Yeroo salaataaf kaatan, fuula keessaniifi harka keessan hanga ciqileetti dhiqadhaa. Mataa keessaniis haxaa'aa; Luka keessanis hanga koronyootti (dhiqaa)." (Almaa'idaa: 6).

Ammas Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "salaanni kamuu xahaaraadhaan malee hin qeebalamtu."

Wuduun akka armaan gadiitti ta'a:
a. Wuduu qalbii isaatiin niyyata; arrabaan hin dubbatu. Sababni isaas Nabiyyiin (saw) wuduu isaanii keessatti, salaata isaaniifi ibaadaa isaanii kam keessattuu niyyaa arrabaan hin dubbanne waan ta'eef. Rabbiin waan qalbii keessaa ni beeka waan ta'eefis waan ishee keessaa dubbachuu isa hin barbaachisu.
b. Ergasii 'bismillaah' jedhee maqaa Rabbii dhaha.
c. Ergasii ganaa (shanacha) isaa yeroo sadii dhiqa.
d. Sana booda bishaaniin yeroo sadii lulluuqqatee bishaan funyaanitti seensisa. Harka bitaatiin bishaan funyaan keessaa baasa.
e. Ergasii fuula isaa yeroo sadii dhiqa. Daangaan isaa dalgaan gurraa hanga gurraa yoo ta'u oleedhaan immoo bakka rifeensi mataa itti biqilu irraa hanga jalee lafee areedaatti ta'a.
f. Ergasii harka isaa fiixee qubbeetii irraa kaasee hanga ciqilee dabalatutti yeroo sadii dhiqa. Mirgaan eegalee ergasii bitaatti tara.
g. Ergasii mataa isaa yeroo tokkicha haxaawa. Harka isaa lamaan jiisee fuuldura mataa isaa irraa eegalee hanga duubaa (killiyyuutti) haxaa'ee ergasii fuulduratti as deebisa.
h. Ergasii yeroo tokkicha gurra isaa haxaa'a. Quba isaa akeektuu lamaan qaawwa gurraa keessa seensisee abbudduu lamaaniin immoo irra haxaa'a.
i. Ergasii miila isaa lamaan fiixee qubbeetii irraa kaasee hanga koronyootti dhiqata. Mirgaan eegalee ergasii bitaatti tara.

Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "namni tokko isin irraa wuduu'atee, wuduu isaa waliin gahatee ergasii 'Ash-hadu allaa ilaaha illallaah; wahdahuu laa shariika lah. wa ash-hadu anna Muhammadan abduhuu warasuuluh' yoo jedhe hulaan jannataa saddeettan isaaf banamtu malee hin haftu. Ishee keessaa kan fedheen seena." Muslimtu gabaase.

Hiikti du'aa'ichaa 'dhugaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee akka hin jirre ragaan baha. Muhammadis gabricha Isaatiifi Ergamaa Isaa ta'uu ragaan baha' jechuudha.

Sawaaba/Mindaa guddaa..... Rasuulli akkana jedhan S.A.W: Yaa Qote bule/ Yaa namicha Baadiyyaa dhufte yoo jettan: Ulfinni...
21/05/2024

Sawaaba/Mindaa guddaa..... Rasuulli akkana jedhan S.A.W: Yaa Qote bule/ Yaa namicha Baadiyyaa dhufte yoo jettan: Ulfinni Rabbiif haa ta'u; Rabbi akkana jedha: Ati dhugaa dubbatteetta, yoo jette: Galanni Rabbiif haa ta’u; Rabbiin akkana jedha: Dhugaa dubbatteetta, yoo jette: Rabbi malee waaqni/Rabbiin biraa hin jiru; Rabbi akkana jedha: Ati dhugaa dubbatteetta, yoo jette: Rabbi guddaadha; Rabbi akkana jedha: Ati dhugaa dubbatte, yoo jette: Yaa Rabbi, dhiifama naaf godhi; Rabbi akkana jedha: ani raawwadheera, Yoo: Yaa Rabbi naaf araarami jetteen, Rabbi: hojjedheera/Siif Araarameera jedhaan, Yoo: Yaa Rabbi Rizqii naaf kenni jette, Rabbi: Si Razzaqeera/hojjedheera Jedha....


أجْرُ عَظِيم.... قال النبي : يا أعرابي إذا قلت : سبحان الله ؛ قال الله : صدقت وإذا قلت : الحمدُ لله ؛ قال الله : صدَقْتَ وإذا قلت : لا إله إلا الله ؛ قال الله : صدقت وإذا قلت : الله أكبرُ ؛ قال الله : صدقت وإذا قلت : اللهم اغفر لي ؛
قال الله : قد فعلت
وإذا قلت : اللهم ارحمني قال الله : قد فعلت وإذا قلت : اللهم ارزقني قال الله : قد فعلت .......

ታላቅ ምንዳ ..... ነብዩ (ሶ.ዐ.ወ) እንዲህ አሉ፡- እናንተ ባዳዊኖች ሆይ፡- ክብር ለአላህ ይሁን። እግዚአብሔር እንዲህ አለ፡ አንተ እውነት ተናገርክ፡ ብትልም፡ ምስጋና ለእግዚአብሔር ይሁን። እግዚአብሔርም አለ፡ አንተ እውነት ተናገርክ፡ ‹ከእግዚአብሔር በቀር ሌላ አምላክ የለም ብትል። እግዚአብሔር እንዲህ አለ: አንተ እውነትን ተናግረሃል, እና ከሆነ: እግዚአብሔር ታላቅ ነው; እግዚአብሔር እንዲህ አለ፡ አንተ እውነትን ተናግረሃል፡ ብትልም፡ አቤቱ፡ ይቅር በለኝ። እግዚኣብሔር፡ ኣነን ኣነን ኣነን እየ፡ ንስኻትኩም ድማ፡ ንእግዚኣብሄር ምዃንኩም፡ ንስኻትኩም ኢኹም፡

Sawaaba/Mindaa guddaa..... Rasuulli akkana jedhan S.A.W: Yaa Qote bule/ Yaa namicha Baadiyyaa dhufte yoo jettan: Ulfinni Rabbiif haa ta'u; Rabbi akkana jedha: Ati dhugaa dubbatteetta, yoo jette: Galanni Rabbiif haa ta’u; Rabbiin akkana jedha: Dhugaa dubbatteetta, yoo jette: Rabbi malee waaqni/Rabbiin biraa hin jiru; Rabbi akkana jedha: Ati dhugaa dubbatteetta, yoo jette: Rabbi guddaadha; Rabbi akkana jedha: Ati dhugaa dubbatte, yoo jette: Yaa Rabbi, dhiifama naaf godhi; Rabbi akkana jedha: ani raawwadheera, Yoo: Yaa Rabbi naaf araarami jetteen, Rabbi: hojjedheera/Siif Araarameera jedhaan, Yoo: Yaa Rabbi Rizqii naaf kenni jette, Rabbi: Si Razzaqeera/hojjedheera Jedha....

أجْرُ عَظِيم.... قال النبي : يا أعرابي إذا قلت : سبحان الله ؛ قال الله : صدقت وإذا قلت : الحمدُ لله ؛ قال الله : صدَقْتَ وإذا قلت : لا إله إلا الله ؛ قال الله : صدقت وإذا قلت : الله أكبرُ ؛ قال الله : صدقت وإذا قلت : اللهم اغفر لي ؛
قال الله : قد فعلت
وإذا قلت : اللهم ارحمني قال الله : قد فعلت وإذا قلت : اللهم ارزقني قال الله : قد فعلت .......

ታላቅ ምንዳ ..... ነብዩ (ሶ.ዐ.ወ) እንዲህ አሉ፡- እናንተ ባዳዊኖች ሆይ፡- ክብር ለአላህ ይሁን። እግዚአብሔር እንዲህ አለ፡ አንተ እውነት ተናገርክ፡ ብትልም፡ ምስጋና ለእግዚአብሔር ይሁን። እግዚአብሔርም አለ፡ አንተ እውነት ተናገርክ፡ ‹ከእግዚአብሔር በቀር ሌላ አምላክ የለም ብትል። እግዚአብሔር እንዲህ አለ: አንተ እውነትን ተናግረሃል, እና ከሆነ: እግዚአብሔር ታላቅ ነው; እግዚአብሔር እንዲህ አለ፡ አንተ እውነትን ተናግረሃል፡ ብትልም፡ አቤቱ፡ ይቅር በለኝ። እግዚኣብሔር፡ ኣነን ኣነን ኣነን እየ፡ ንስኻትኩም ድማ፡ ንእግዚኣብሄር ምዃንኩም፡ ንስኻትኩም ኢኹም፡ በሎም። ..

Guyyaa Guyyaan Fayyina Argachaa jirra Dhugaa Dur nu miidhuni fudhanna irraa baqachuu dhifnnee keessaa darbinee hin jijir...
05/05/2024

Guyyaa Guyyaan Fayyina Argachaa jirra
Dhugaa Dur nu miidhuni fudhanna irraa baqachuu dhifnnee keessaa darbinee hin jijiramnnee Boonna Onneen Ammallee jaalalaf fii kabaja bakka qabdi.

Lubbuun ammas waan gaarii hojjatti
Osoo deebii tokko hin eegin.
Jechii ammas jechuma

Kakuun yoo nuuf galmaayee raawwachu qabna.
Qulqulluummaan ammas Galmmaa keennafii Nagaya keenna Nageenyi Hawwii keenna isaa gaariidhaa. Onneen Qulqullun Fuula Baareeda 1000 caalttii.

30/04/2024

Deega namaa/Hiyyeessi Eenyu Dha?

Ergamaan Rabbii sallallaahu aleyhi wesallam sahaabota isaanii akkana jechuun gaafatan. "Deegaa ykn Hiyyeessa jechuun nama akkamiiti?" jedhan. Eegasii
sahaabotni akkana jechuun isaaniif deebisan. "Yaa Ergamaa Rabbii ﷺ ! Deega namaa ykn Hiyyeessa jechuun nama mallaqa hin qabnee fii nama waan itti fayyadamu hin
qabnee dha." jedhanii deebisan.

Ergamaan Rabbiis ﷺ akkana isaaniin jedhan. "Ummata kiyya keessaa Deegaa ykn hiyyeessa namaa jechuun nama mallaqa hin qabne osoo hin taane nama osoo duniyaa irra jiru dhiiga namootaa dhangalaasuu
isaatiin, namoota arrabsuu isaatiin, mallaqa namootaa nyaachuu isaatiin, namoota zollamuu isaatiin dalagaaleen toltuun inni dalagate guyyaa murtii guyyaa qiyaamaa isa irraa fudhatamee namoota inni miidheef kennamee eegasii idaan isa
irratti hafte immoo yoo jiraate diliin namoota irraa hir'ifamee isatti fe'amuudhaan nama hoongahee ibiddatti darbamee dha."

Rabbiin nu haa tiksu! Aamiin.

(Eega dubbiftanii booda Aamiin jechuu fii share gochuu keessan hin dagatinaa. Jzkl)

29/04/2024

📃🖊. Dhimmoota 5 Gurguddoo Towhiidaa fii Faallaa isa sirritti beekuuf
┈┉┅━━❀🍃🌸🍃❀━━┅┉┈

۞. Yoo Nama Dhugumaan Towhiidaa fii Faallaa isaa beekuu fedhu taate;

1.Towhiidni Rasuulli ﷺ itti Waamaa ture Maalii fii kam akka ta'e beekuu qabda. ★.

2. Shirkiin Rasuulli ﷺ irraa ummata sodaachisaa ture sun maal akka ta'ee fii Dhimma kam keessatti akka ta'ee Gad seentee beekuu qabda. ۞

3. Haala Mushriktootaa kan Rasuulli ﷺ keessatti ergamee,akkamitti akka ibaadaa raawwataa turan,Maaliin ibaadaa gochaa akka turanii fii haalli isaan gabbaramtoota isaanii wajjiin qaban Maal akka ture beekuu qabda. ۞

4. Ibaadaa Dhimmi towhiida irra naanna'uu fii isiirra marsu sana beekuu qabda. Hiikkaan ibaadaa Maali? Wanti Rabbiin yeroo baay'ee bakka baay'eetti itti nu ajaje sun Maali? " Allaahaa qofa gabbaraa isatti waa hin qindeessinaa"
﴿وَاعْبُدُوا اللَّهَ وَلا تُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا﴾ [النساء:36]
Hiikkaa ibaadaa beekuun bakka gudda hangana hin jedhamne qaba. Haqiiqaa fii Maalummaa ibaadaa hubachuu dhabuun gara qaawwaa fii hir'ina towhiidaa fii shirkii hubachuutti nama geessa.۞

5. Garaagarummaa towhiida Rabbummaa fii towhiida uluuhiyyaa jidduu jiru itti dhaqqabdee beeku qabda. Isaan lamaan jidduu wal hammachuun jiraachuu fii Maalummaa wal qabachuu fii wal hammachuu isaan lamaanii bira gahuu qabda. Dhimma kun akkaan barbaachisaadha. Irra hedduun waliin dhawa mushriktootaa durii fii ammallee Gama dhimma kanaa fii gama towhiida lamaan walitti Makuutiini. ".۞


◈. Yaa akhii /wayaa ukhtii Dhimmoota Shanan kana hubachuu,sirriitti beekuu fii Namallee beeksisuuf tattaafadhu.

┈┉┅━━❀🍃🌸🍃❀━━┅┉┈
🎙Sheikh Salih Sindii-hafizahullah
📓Sharh Qawaعid Al-arbaع.
┈┉┅━━❀🍃🌸🍃❀━━┅┉┈

Address

Kombolcha

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bahar kombe posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Bahar kombe:

Share

Category