01/05/2026
"Ani carra-dhabeessa" jettee beektaa? Wafπ. Kunis akka jiru hin dagatin!
Hidhamaa seeraa biyya Biraazil "Raahpeel Vaalaadaawoo" jedhamu tokkotu jira. Mana hidhichaa irraa miliquuf jedheetu, karaa baayyee dhoksaa fi of eeggannoon guutameen karicha waggaa shaniif qote. Waggaa meeqan jedhe? π. Waggaa shan guutuuf!π
Akkuma karoorfatetti waggaa shan guutuu akka bofaa loo'aa, akka daa'imaa daaddisaa keenyan(αααα³) xumuraa uree mormaan seene. Gammachuun inni alatti bahee bilisummaa alaa dhamdhamachuuf qabu isa muddee ammas ittuma dhiibbate. Mudhiidhaa oliin seenee gaafa morma achi baafatu waan ijaan argaa jiruuf ijasaa amanuu dadhabe. Abjuu itti fakkaate. Ifaajjen isaa waggoota shanii bishaan dhuguusaa kan hubate guyyaa tana. Guyyaa abaaramtuu!π₯Ί
Kutaan inni itti bahe kutaa eegdota mana sirreessaa sanaa ture. Poolisoota achi jiran kolfi hudhaatuma namicha gammachuun simatanii gara mana hidhaa inni dura tureetti isa deebisan!π
Xalayaan namichi kun hiriyaa isaatif barreessu tokko, "Yaalii kufi; garuu kufuuf hin yaalin" waan jedhu natti fakkaata!βοΈπ
Yaa warra kufaatidhaan hin laafne...Cheersπ·π₯π