Wardii Veterinary page

Wardii Veterinary page MULA'TNI KENYA BEEYLADOOTNI HUMNAA BIYYAA KEENYAA HUNDI FAYYA QABEESSA TA'UUN GAMMACHUN AKKA JIRAATAN TAASISUU DHA.

14/05/2026

Quiz Time
+
Important Veterinary Terminology
16. Cholecystectomy - Excision of gall bladder
17. Thyroidectomy - Excision of thyroid gland
18. Arthritis - Inflammation of a joint
19. Bronchitis - Inflammation of the bronchi
20. Carditis - Inflammation of the heart
21. Cervicitis - Inflammation of the cervix
22. Colitis - Inflammation of the colon
23. Colpitis - Inflammation of the va**na
24. Cystitis - Inflammation of the urinary bladder
25. Enteritis - Inflammation of the intestines
26. Gastritis - Inflammation of the stomach
27. Glossitis - Inflammation of the tongue
28. Hepatitis - Inflammation of the liver
29. Laryngitis - Inflammation of the larynx
30. Metritis - Inflammation of the uterus
31. Myelitis - Inflammation of the spinal cord
32. Nephritis - Inflammation of the kidney
33. Pharyngitis - Inflammation of the pharynx
34. Blepharitis - Inflammation of the eyelids
35. Cholelithiasis - Stone in the gall bladder
36. Nephrolithiasis - Stone in the kidney
37. Osteomalacia - Softening of bones through deficiency of calcium or D vitamin
38. Adenoma -Benign tumour of glandular tissue
39. Myoma - Tumour of muscle
40. Diplopia - Double vision
41. Thrombosis - Formation of a blood clot
42. Pyloromyotomy - Incision of pyloric sphincter muscle

02/05/2026

✅ Oggummaan Fayyaa beeylada "Doctera Beeyladaa" qofa osoo hin taane, "Gaachana Fayyaa Hawaasaati‼️

Oggummaan fayyaa beeyladaa dhibee horii irraa gara namatti daddarban (Zoonotic Diseases) ittisuu fi to’achuu keessatti gahee hangafa qaba. Addunyaa irratti dhukkuboota namoota qaban keessaa dhibbeentaa 60% (60%) ol madda isaanii beeyladaa fi bineensota bosonaa irraayyi.
Ogeessi fayyaa beeyladaa akka "fooddaatti" (shield) ta’uun namoota dhibee kanaan qabaman irraa eega. Gahiin ogeessa kanaa dhimmoota armaan gadii keessatti mul’ata:
✅Sakatta’a Meeshaalee Nyaataa (Food Safety)
Namoonni hedduun dhibee beeyladaa kanaan kan qabaman karaa foonii, aannanii fi hanqaaquu qulqullina hin qabneetiin.
✅ Mana Qaliimaa (Abattoirs): Ogeessi fayyaa beeyladaa osoo horiin hin qalamin dura (Ante-mortem) fi erga qalamanii booda (Post-mortem) foon isaa ni sakatta'a. Fkn: foon dhibee Tirikuu (Cysticercosis) ykn dhibee Sombaa (Tuberculosis) qabu akka gabaa hin galle gochuun fayyaa hawaasaa eega.
✅ Aannan: Aannan itituu fi dhibee madda isaa aannan ta’an (kan akka *Brucellosis*) ittisuuf tajaajila gorsaa fi hordoffii kenna.
✅Dhibee Ittisuu fi Tallaallii (Vaccination)
Dhukkuboota hamoo akka Saree Dhuyee (Rabies) to’achuuf gaheen ogeessa kanaa murteessaadha. Saree fi adurree tallaaluudhaan dhibeen kun gara namatti akka hin dabarre kellaa duraa ta'ee tajaajila. Akkasumas dhibee akka Anthrax (Abba-sangaa) kan yeroo tokko tokko biyyee keessatti waggaa dheeraaf turu beeyladoonni akka hin qabamne tallaallii kenna.
✅"Fayyaa Tokko" (One Health Approach)
Yaadni "One Health" jedhamu fayyaan namaa, beeyladaa fi naannoo walitti hidhamaa ta’uu isaa barsiisa. Ogeessi fayyaa beeyladaa:

29/04/2026

(Brucellosis)

Dhukkubni gatachiisaa maali? Beeylada akkamii miidha? Namatti darbuu danda'aa?
Guutuu isaa dubbisaa!

Dhukkubni Gatachiisaa (Brucellosis) dhukkuba baakteeriyaa gosa Brucella jedhamuun dhufuu fi beeyladoota irraa gara namatti daddarbudha. Beeyladoota akka saawwan, hoolota, re’eefaa keessatti mallattoo guddaan inni argisiisu dil’uu (miciree) gatachiisuu dha.

🐄 Beeyladoota Irratti

Beeyladoota keessatti dhukkubni kun baay'ee daddarbaa dha.

Mallattolee:

Beeyladni rimeetti jiru miciree gatachiisuu.

Hormaata dhabuu ykn rimeetti hafuu dadhabuu.

Dil’uun (mana miciree) gadameessa keessatti hafuu.

Dhangala’aa qaama hormaataa irraa dhufeen faca’uu.

Namoota Irratti

Namni karaa garaa garaa dhukkuba kanaan qabamuu danda'a.

Akkaataa itti daddarbu:

Aannan ykn bu'aa aannanii (fkn. itittu, baaduu) hin bilchaatin (raw) soorachuu.

Dhangala'aa beeylada dhukkubsate (kan akka dhiigaa ykn bishaan miciree) tuquu.

Qilleensa dhukkuba kanaan faalame harganuu.

Mallattolee:

Ho'a qaamaa (fever).

Dhukkubbii dugdaa fi maashii.

Dadhabbiifi of-dadhabuu.

Qaamni dafquu.

🛡️ Ittisaa fi To'annoo

Dhukkuba kana ittisuuf tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhatamuu qabu:

Bilcheessanii Nyaachuu: Aannan, foon fi bu’aalee beeyladaa gahaatti bilcheessanii soorachuu.

Qulqullina Eeguu: Beeyladoota miciree gatan oofuu ykn awwaaluu, bakka sanas qulqulleessuu.

Harkatti Uffachuu: Ogeessi beeyladaa ykn namni beeylada rimee gargaaru gloves (shurraaba harka plastikaa) fayyadamuu qaba.

Talaallii: Beeyladoota dhukkuba kanaaf talaaluu.

❌ Beeyladni kee mallattoo kana yoo argisiise ogeessa fayyaa beeyladaa dubbisi, ykn namni mallattoo dhukkubbii akkanaa qabu hatattamaan gara hospitaalaa deemuun qorannoo dhiigaa gochuu qaba.

Dhukkuba kana irratti odeeffannoo dabalataa argachuuf akkasumas odeeffannoo biroo fayyaa beeyladaa argachuuf wardii veterinary page follow godhaa.

Horaa bulaa!
Fayyaan faaya!

29/04/2026

Hubanoo Fuurdisa Loonii (Cattle Fattening Tip's)
Sangoota/Loon maalaa/ yeroo gababaa keessatii gabbisuun gabaa jidu-galeessatii dhiyessuun tofta ykn mala galii argataan keessaa isa ijoo ti. Oso qorichaa bitanii hinkeniin dura wantoota ijoo armaan gadi beekuun dirqama dha.ulagaa saayinsii fayyaa belladaa irratii hunda'uu dhaan qabxiwan armaan gadii irratii xiyyeefanoo kena.
1. Maxantuwwan qaama keessaa fi ala qulqulleesuu ykn Yaaluu (Internal External parasite control/treat/. Sangaan tokkoo faayidaa nyaata sooratu irraa waan argachuu qabu akka argatuuf tasisaa. Qaamnii akka ijaaramuuf raamoo tiru, garaa fi maxantuwwan goggaa kan akka silmii injiraan kkf qulqulleessuun murteessaa dha.
2. Vaaytaminii fi miniralaa dabalataa dandeettii dhibee dandamachuu/ittisuuf qaamnii aritiin akka ijaruuf ni gargaaruu fkn:-
👉Vitamin ADE (guddina lafee, fayyumaa gogaaf kallee fi Sanyiin Nyaataa gara anniisaatti ykn humnaatti jijjiiramuu qaamaa ykn Walnyaatinsa Kimiyaawaa Qaamaa" (Metabolism/Chemical process of the body) gargaara.
👉Ashaboo/Soogiida albuudaa, kaalshiyemii(Calcium) fi Phospharaas(phosphorous) maashaa qaamaa (body muscle) fi lafeen akka guddatuuf ni gargaaruu.

3. Feedhii nyataa dabaluu ykn kakaasuu (Appetite stimulant) sangaan tokkoo nyaata gahaa nyaachuuf feedhii yoo dhabee Vitamine B-complex yoo fayyadamnee feedhii nyataa sangaa keenyaa ni dabalaa dabalataan sirna narvii cimsuun sangaan dammaqaa akka ta'u gargaraa
Wan wal-hubannuf galatoomaa
🙏🙏🙏

21/03/2026

BOVINE BABESIOSIS: Dhukkuba Silmii fi Fincaa'an Diimachuu Loonii

Akkaatuma baay'ina sagalee comment keessaniin dhibee beeyladaa yeroo baay'ee loon keenya miidhu, kan yeroo baay'ee "Dhukkuba Silmii" ykn "Bishaan Diimaa" (Red Water) jedhamuun beekamu, saayinsawaa kanaan immoo "Bovine Babesiosis" jedhamu irratti hubannoo

Bovine Babesiosis dhibee pirootozowaan dhufu kan kallaattiin dhiiga diimaa (RBC) beeyladaa keessatti baay'achuun dhiiga balleessudha. Dhibeen kun "Tick Fever" ykn "Red Water" jedhamuunis ni beekama.

1️⃣. Sababa Dhibichaa (Etiology)
Dhibee kana kan fidan sanyiilee pirootozowaa Babesia bovis fi Babesia bigemina jedhamaniidha. Kan dhibee kana tamsaasus silmii (Tick) gosa Rhipicephalus jedhamuun beekamudha. Silmiin dhaltuun dhibee kana qabdu hanqaaquu ishee keessatti dhibicha dabarsuun (transovarial transmission), ilmaan isheen hortu kallaattiin loon akka qabaman taasisu.

2️⃣. Mallattoolee Dhibichaa (Symptoms)
Dhibeen kun baay'inaan loon guddatoo (adult cattle) irratti hammaata. Mallattoolee ijoon:
🟩 Fever (Iraada): Qaamni beeyladichaa baay'ee ho'uu.
Fincaa'an Diimachuu (Hemoglobinuria): Baay'ee beekamaadha; dhiigni diimaan waan cacabuuf fincaa'an bifa diimaa ykn bunaa fakkatu qabaata.
🟦 Mallattoo Narvii (Cerebral Babesiosis): Keessattuu gosti B. bovis jedhamu sammuu miidhuun: ilkaan ilkaan waliin riguu, of wallaaluun fi miila diriirsuun hurgufuu/karkarsuun du’a fida.
🟥 Nyaata Diduu (Anorexia): Beeyladichi nyaataa fi bishaan ni dhaba, dhiigni isaas ni hir’ata (Anemia).

3️⃣. Dhibeewwan Waliin Wal-fakkaatan (Differential Diagnosis)
Mallattoon dhiigni diimachuu dhibeewwan biroo waliinis wal-fakkaachuu danda'a:
🎯 Anaplasmosis (Silmii)
🎯 Trypanosomiasis (Tsetse fly)
🎯 Leptospirosis
🎯 Summii koopparii (Copper poisoning)

4️⃣. Yaalaa fi Of-eeggannoo (Treatment)⚕️
Yaalli isaa yoo dhibichi jalqaba irratti barame milkaa'ina qaba:
💉 Qoricha: Imidocarb dipropionate ykn Diminazene aceturate ( ) fayyadamuun ni danda'ama.
💉 Supportive Therapy:

🚨 Akeekkachiisa ariifachiisaa rakkoo iddoo hojiitti qabatamaan argaa jirru irraa:qorichi farra baakteeriyaa ( Antibaayoo...
23/12/2025

🚨 Akeekkachiisa ariifachiisaa rakkoo iddoo hojiitti qabatamaan argaa jirru irraa:qorichi farra baakteeriyaa ( Antibaayootikoonni )baakteeriyaa ajjeesuu dhiisuuf deemaa jiraachuu meeqa keenyatu beeka? 💊⚠️ .
"Dhukkuboonni salphaa fakkaatan yeroo dhiyootti namootaa fi bineensota ajjeesuu danda'u" yoo jedhame ni amantaa? Kun sodaa hojii malee osoo hin taane, balaa dhugaa nu dura jirudha.
Biyya keenya keessatti, Itoophiyaa, sababa haala malee itti fayyadama qoricha beeyladootaa irraa kan ka’e, baakteeriyaan qoricha kanaaf madaquu danda'u ykn madaquu jalqabaniiru .

Kana jechuun loon keenya boru yoo dhukkubsatan qorichi nuti itti naqnu hin hojjetu, yoo dhukkubsanne ammoo antibaayootikii nuti liqimsinu nu hin fayyisu.

Balaan kun akkamitti mudate?
Ajaja doktoraa malee qoricha bitachuu: Antibaayootikii daandii fi suuqii hunda keessatti gurguraman bitannee sababa tokko malee loon keenyatti waraanuu. Gargaarsa doktoraa malee qoricha ofii keenyaan bitachuu fi ija jabinaan kennuu.

Marsaa wal’aansaa guutuu hin taane: yeroo beeyladichi xiqqoo fooyya’u qoricha addaan kutuu. Kunis baakteeriyaan keessa jiru osoo hin du’in akka madaqu taasisa.
qoricha kontiraataa osoo hin jalqabin dhiisuu.
Foon fi aannan qoricha of keessaa qabu nyaachuu: Foon isaanii nyaannee qorichi loon keessa osoo hin dhumin aannan isaanii yeroo dhugnu qaama isaanii (yeroo ofirraa baasuu osoo hin eegiin), qorichi gara keenyatti daddarbuu. Yeroo dhukkubsannu qoricha sana yoo fudhanne fayyuu diduu!

Miidhaan maali?
Beeyladoonni salphaatti du’u. Qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoonni bankrupt ta'u.
Qorichi dhala namaa boru ni bada.
Dhukkubni yaalamuu hin dandeenye ni uumama.

Furmaanni harka keenya keessa jira!
Ogeessa tokkoof ajaji: ajaja ogeessa beeyladaa malee qoricha gonkumaa hin bitin.
Qajeelfama: doosiin ajajamee fi guyyoota sirriitti kennuu keenya mirkaneessuu.

OF EEGGANNOO: Hanga qorichi qaama keessaa baafamutti (akka qajeelfama doktoraatti) foon ykn aannan beeyladicha
qorichaan lilmoodhaan waraana

08/12/2025

‎𝗟𝗼𝗼𝗻 𝗴𝗮𝗯𝗯𝗶𝘀𝘂𝘂𝗳 𝗺𝗮𝗮𝗹𝘁𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮?
‎𝗙𝗮𝗮𝘆𝗶𝗱𝗮𝗮 𝗺𝗶𝘀𝗼𝗼𝗺𝗮 𝗳𝗼𝗼𝗻𝗶𝗶 𝗺𝗮𝗮𝗹𝗶𝗱𝗵𝗮?
‎𝗙𝗮𝗮𝘆𝗶𝗱𝗮𝗮𝗻 𝗳𝗼𝗼𝗻𝗶𝗶 𝗺𝗮𝗮𝗹 𝗳𝗮'𝗶?
‎𝗠𝗢𝗢𝗧𝗨𝗠𝗠𝗔𝗔𝗡 𝗫𝗜𝗬𝗬𝗘𝗘𝗙𝗙𝗔𝗡𝗡𝗢𝗢 𝗞𝗘𝗘𝗡𝗡𝗨𝗨 𝗤𝗔𝗕𝗔
‎Biyyi keenya baay'ina loonii qabaachuun akka Afrikaatti sadarkaa 1ffaa turtus lammaaffarti dabartee jirti. Mootummaan xiyyeeffannoo misooma beeyladaa fi fayyaa beeyladaaf qabu gadi bu'uunsaa kana fide. Kanaaf mootummaan xiyyeeffannoo jabaa gama misoomaa fi fayyaa beeyladaa irra gochuu qaba.
‎📌Misoomni beeyladaa damee guddaa GDP biyyaa guddisuu keessatti shoora olaanaa kan qabu dha. Misoomni beekamaa kanneen akka misooma foonii, lukkuu, aannanii, qurxummii fi kan dammaati.
‎𝗠𝗶𝘀𝗼𝗼𝗺𝗮 𝗳𝗼𝗼𝗻𝗶𝗶
‎📌Biyyi keenya kaka'umsa hojii diinadgeef kan jedhu intiative misooma beeyladaa keessa gabbina loonii fi bushaayee irratti kan xiyyeeffattudha.
‎📌Gabbina loonii yeroo muraasa keessatti foon qulqullina qabu dhiyyeesuun, wabii nyaataa kan murkaneessudha.
‎📌Misoomni beeyladaa wabii nyaataa fi nageenya nyaata addunyaa, guddina diinagdee biyyaa guddisuu keessatti gahee guddaa qaba.
‎ ✅Bu'uura diinagdee
‎📌Misoomni loon fooniif gabbisuun madda galii guddaa kan ta'e hojii dhabdummaa kan hir`isu dha.
‎👉Dhibbeentaa 12-33% galii walii gala biyyaalessa qonnaa(Growth domestic product, GDP) keessatti gumaacha guddaa qaba.
‎👉Madda maallaqa alaa($$$) ykn sharafa alaa loon gara alaatti erguu fi foon qulqukkina qabu erguun kan argamudha
‎✅Faayidaa Nyaata mirkaneessuu
‎📌Misoomni foonii wabii nyaata mirkaneessuuf pirootiinii kan of keessaa qabu dha.
‎👉Pirootiinii qulqlullina olaanaa ta'e kan gosa aminoo asiidii sagalii ol kan of keessaa qabu dha.
‎👉Albuudota barbaachisoo, kanneen biqiltuu irraa hin argamne of keessaa kan qabu dha. Albuudota akka:
‎📌𝘈𝘺𝘪𝘳𝘢𝘯𝘪𝘪(𝘏𝘦𝘮𝘦 𝘍𝘦), 𝘬𝘶𝘯𝘪𝘴 𝘥𝘩𝘪𝘪𝘨𝘢 𝘰𝘰𝘮𝘪𝘴𝘩𝘶𝘶, 𝘩𝘪𝘳'𝘪𝘯𝘢 𝘥𝘩𝘪𝘪𝘨𝘢𝘢 𝘪𝘵𝘵𝘪𝘴𝘶𝘶𝘧 𝘬𝘢𝘯 𝘨𝘢𝘳𝘨𝘢𝘢𝘳𝘶 𝘥𝘩𝘢
‎📌𝘡𝘪𝘪𝘯𝘬𝘪𝘪(𝘡𝘯), 𝘬𝘶

07/10/2025

Poultry Diseases Transmit to Cattle:

While many diseases are species-specific, there are several pathogens (bacteria, viruses, and parasites) that can be shared between poultry and cattle, primarily through environmental contamination.

The transmission of diseases from poultry to cattle is often driven by:
1. Fecal-Oral Route:
Contamination of shared feed, water, bedding, or pasture with infected poultry f***s.
2. Environmental Contamination:
Survival of the pathogen in the shared environment.
3. Indirect Contact:
Shared equipment, farmworkers' boots, or pests (like flies or rodents).

Here are some of the most significant diseases that can potentially be shared between poultry and cattle, or where poultry can act as a reservoir:

1. Bacterial Diseases:

•Salmonellosis:
Pathogen :Salmonella spp.
Role of poultry :
Poultry are a common reservoir, often carrying the bacteria without showing signs of illness.
Impact on Cattle:
Can cause severe diarrhea, abortion, and septicemia (blood poisoning), especially in calves.

•Colibacillosis:
Pathogen: Escherichia coli (E. coli)
Role of Poultry:
Certain strains are common in poultry and can be shed in their f***s.
Impact on cattle:
Can cause diarrhea in calves and is a common cause of mastitis (udder infection) in adult dairy.

Campylobacteriosis:
Pathogen: Campylobacter spp.
Role of Poultry:
Poultry are a major carrier and source of environmental contamination.
Impact on Cattle:
Can cause diarrhea, particularly in young or stressed cattle, and has been associated with reproductive issues like.

Listeriosis:
Pathogen: Listeria monocytogenes
Role of Poultry:
Can be found in the intestinal tracts of both poultry and cattle; often spread via contaminated silage or feed.
Impact on Cattle:
Causes neurological disease (circling disease), abortion, and septicemia in cattle.

2. Viral and Prion Diseases:

26/08/2025

Kumaatama ijaartee
Finfinneetti Viillaa
Konkolaataas bittu
Dhabdus deemtu miillaa

Biliyeenaras taatu
Qabeenyaan guddicha
Sirraa Fayyadamuuf
Addunyaan didicha

Dacheerras jiraadhu
Feetus maarsii gubbaa
Lubbuu tokko qabna
Namuun qabu dhibba

Hunduu guyyaa tokko
Boollummatti gallaa
Qabeenya nu kuusne
Namuu dhufee dhaala

Hundumtuu dhageessuu
Ilaamee yaa firaa
Jaallannus jibbinuu
Boru du'uuf jirra

Qarshiin dhabe jettee
Hin yaadda'in firaa
Kan har'a si uume
Uumaan kee siif jira

Waan dubbiftaniif galatoomaa!🙏🙏
maxxansa mimmiidhagoo akkasi argachuuf follow godhaa.

03/08/2025
13/07/2025

♦𝘿𝙞𝙨𝙚𝙖𝙨𝙚𝙨 𝘾𝙖𝙪𝙨𝙞𝙣𝙜 𝙎𝙪𝙙𝙙𝙚𝙣 𝘿𝙚𝙖𝙩𝙝 𝙄𝙣 𝙇𝙞𝙫𝙚𝙨𝙩𝙤𝙘𝙠♦

♦Several diseases can cause sudden death in animals.
♦𝙊ften without prior warning signs.
𝙀𝙭𝙖𝙢𝙥𝙡𝙚𝙨 𝙖𝙧𝙚:

♦𝘾𝙤𝙨𝙩𝙧𝙞𝙙𝙞𝙖𝙡 𝘿𝙞𝙨𝙚𝙖𝙨𝙚𝙨
➤𝘽lackleg
➤𝙈alignant edema
➤𝙀nterotoxemia(Pulpy kidney)
➤𝙏etanus
➤𝘽otulism

♦𝙎𝙤𝙢𝙚 𝙋𝙤𝙞𝙨𝙤𝙣𝙞𝙣𝙜𝙨
➤𝙇ead
➤𝘾yanide
➤𝙋lant poisoning
➤𝘾hronic copper poisoning
➤Organophosphate
Some pesticides

♦𝙎𝙤𝙢𝙚 𝙄𝙣𝙛𝙚𝙘𝙩𝙞𝙤𝙪𝙨 𝘿𝙞𝙨𝙚𝙖𝙨𝙚𝙨
➤Anthrax
➤Bacillary hemoglobinurea
➤Brucellosis
➤Redwater
➤Leptospirosis
➤Anaplasmosis
➤Colibacillosis (poultry)
➤Avian Influenza (𝙋𝙤𝙪𝙡𝙩𝙧𝙮)
➤𝙋asteurellosis
➤𝘼cute Salmonellosis

♦𝙉𝙤𝙣-𝙄𝙣𝙛𝙚𝙘𝙩𝙞𝙤𝙪𝙨 𝘾𝙖𝙪𝙨𝙚𝙨
➤Lightning Strike
➤Trauma
➤Electrocution
➤Asphyxiation
➤Smothering
➤Pneumonia
➤Heat (poultry)

♦𝙈𝙚𝙩𝙖𝙗𝙤𝙡𝙞𝙘 𝘿𝙞𝙨𝙤𝙧𝙙𝙚𝙧𝙨
➤Ruminal acidosis
➤Ruminal Tympany (Bloat)
➤Hypocalcemia (Milk Fever)
➤Monensin poisoning

♦𝘿𝙞𝙖𝙜𝙣𝙤𝙨𝙞𝙨
𝙊ften requires:
➤𝙉ecropsy (animal autopsy)
➤𝙇aboratory testing.

♦𝙋𝙧𝙚𝙫𝙚𝙣𝙩𝙞𝙤𝙣
➤𝙑accinations
➤𝙋roper hygiene/𝘽𝙞𝙤𝙨𝙚𝙘𝙪𝙧𝙞𝙩𝙮
➤𝘾areful/𝙍𝙤𝙪𝙩𝙞𝙣𝙚 management practices

♦𝙍𝙞𝙨𝙠 𝙁𝙖𝙘𝙩𝙤𝙧𝙨
➤Young animals, animals with underlying health conditions
➤𝙏hose exposed to stressful situations
♦𝘼𝙧𝙚 often more vulnerable to sudden death.

Address

No
Deder
DEDER

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wardii Veterinary page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Wardii Veterinary page:

Share

Category